Fana: At a Speed of Life!

Kiim Joong Uun Kooriyaan Kaabaa mariis ta’ee qochoolaa Ameerikaa waliin qabduuf qophii ta’uu qabdi jedhan

Finfinnee, Waxabajjii 11, 2013 (FBC) – Hoggantaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Uun biyya isaanii mariis ta’ee qochoolaa Ameerikaa waliin ta’uuf qophii ta’uu akka qabdi ibsaniiru.
Miseensonni Koree giddugaleessaa Paartii Kooriyaa Kaabaa bulchaa jiru magaalaa Gidduutti Biyyattii Piiyoongiyaangitti walga’ii gaggeessaa jiru.
Kooriyaan Kaabaa yeroo itti aanu marii Ameerikaa waliin taasiiftuufis ta’ee qochaalaa jiraatuuf qophii ta’uu akka qabdu Kiim Joong Uun dubbataniiru.
Keessattuu misooma Niwukileerii fi dhimmoota garaagaraarratti waldhabdee biyyoota lamaan gidduutti uumamuuf Piiyoongiyaang yeroo kamiiyyuu caalaa qophii ta’uu akka qabdu kallattii kaa’aniiru.
Akkasumas qochooloo daangaa Kooriyaa keessatti qaqqabuu danda’u kamiiyyuu ittisuu fi to’achuuf qophii bal’aa taasiisuu akka qabdu hubachiisaniiru.
Kunis nageenya waaraa Kooriyaa Kaabaa eegsiisuu fi birmadummaa ishee kabachiisuuf qabsoo taasiifamu ta’uu ibsaniiru.
Maddi:- Al Jazeera
Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Yuutyuubiihttps://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/
Twiitara Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.