Fana: At a Speed of Life!

Kilaasteraan oomishuun qonnaan bultoonni caalmaatti akka waliitti hidhaman taasiiseera – Obbo Shimallis

Finfinnee, Onkololeessa 6, 2014 (FBC) – Kilaasteraan oomishuun Ooyiruu qofa osoo hin taane, qonnaan bultoonni caalmaatti akka waliitti hidhaman taasiisuu Preezdaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan ibsan.
Ministiroonni haaraa muudaman aanaa ada’aatti oyiruu qonnaan bultootaa kilaastaraanmisoome daawwataa jiru.
Ministiroonni kunneen Xaafii fi Avookaadoo kilaasteeran misoome daawwataniiru.
Mootummaan Naannoo Oromiya hojii misooma kilaasteraa babal’isuun, qonnan bultoonni akka oomishan, waliin akka karoorsan, teeknolojii walfakkataa fi midhaan walfakkaataa akka oomishaan hojiin walitti hidhuu hojjetamuu Preezdaantiin naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisan ibsaniiru.
Deeggarsii fi xiyyeffannaan qonnaan bultootaaf kennamu cimuu akka qabus kaasaniiru.
Daawwannaa kanarratti Itti aanaa Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin dabalatee ministiroota fi qondaaltonni mootummaa biroon argamaniiru.
Dabalaa Taaddasaatu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.