Fana: At a Speed of Life!

Kilabiin kubbaa miilaa magaalaa Finfinnee gara Priimeyar Liigiitti guddachuu isaa mirkaneeffate

Finfinnee, Eebila 9, 2013 (FBC) – Liigii olaanaa keessatti dorgomaa kan ture Kilabiin kubbaa miilaa magaalaa Finfinnee gara Priimeyar Liigiitti guddachuu isaa mirkaneeffateera.

Kilabiin kubbaa miilaa magaalaa Finfinnee tapha liigii olaanoo biyyaalessaa bara 2013 taphateen qabxii 48 walitti qabachuun Priimeyar Liigii Ityoophiyaa bara 2014 keessatti hirmaachuu isaa mirkaneeffateera.

Itti aantuun Kantibaa magaalaa Finfinnee kilabichi gara Priimeyar Liigiitti guddachuu isaa hordofee ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.