Fana: At a Speed of Life!

Kilabiin sababa vaayrasii koroonaaf jecha walirraa fageenya eegee taphate goolii 37-0n injifatame

Finfinnee, Fulbaana 8, 2012 (FBC)  –  kilabiin sababa vaayrasii koroonaaf jecha walirraa fageenya eegee taphate goolii 37-0n injifatame

Garee tokko irratti gooliin hanga kana baayyatu yeroo lakkaa’amu qabxii kubbaa kachoof lakkoofsifatan fakkaachuu mala.

Sodaa vaayrasii koroonaaf jecha walirraa fageenya eeggatanii taphachuuf taphattoota hir’isanii galan.

Garee kubbaa miilaa Jarman sababa vaayrasii koroonaaf walirraa fageenya eeggachuuf taphattoota hir’isuun taphate kun kubbaa haalaan waliif kennee taphachuu waan hin dandeenyeef goolii 37-0 injifatame

Gareewwan kubbaa miila biyya Jarman Ripdolf fi SV Holdensted II Dilbata darbe morkii tapha biyya keessaaf wayita waliin taphatan Ripdolf walirraa fageenya eeggachuun taphachuuf jecha taphattoota torba qofa hiriirsuun taphate.

Sababni isaammoo taphattoonni garee SV Holdensted II tapha sana dura garee biraa wajjin taphatanirratti taphattoonnisaanii nama vaayrasii koroonaan qabame wajjin tuttuqqaa uumuun isaanii waan mirkanaa’eef.

Kanarraa ka’uun Ripdolf taphattoota torba qofa hiriirsisee gooliiwwan 37-0n injifatameera.

Madii:- BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.