Fana: At a Speed of Life!

Kilabni kubbaa Miilaa Magaalaa Adaamaa leenjisaa isaa Faasiil Takkaalenyi gaggeesse

Finfinnee, Caamsaa 10, 2014 (FBC) – Taphoota kurnan darban moo’achuu dadhabuu isaan Kilabni kubbaa Miilaa Magaalaa Adaamaa leenjisaa isaa Faasiil Takkaalenyi waliigalteen gaggeesseera.
Taphoonni Beetkiing Priimayer Liigii Ityoophiyaa bara kanaa osoo hin eegalin dura leenjisaa Kilaba kubbaa Miilaa Magaalaa Adaamaa ta’uun kan muudaman Leenjisaa Faasiil Takkaalenyi, hanga ammaatti taphoota 4 qofa injifatan.
Itti aanaa isaanii kan turan Yittaagasuu Indaalaan yeroof kilabicha akka dursan murtaa’uu ibsameera.
Magaalaan Adaamaa tapha itti aanu Kilaba magaalaa Sabbataa waliin kan taphatu ta’a.
Magaalaan Sabbaataa qabxii 17 qofa walitti qabachuu dhuma liigichaarratti kan argamu yoo ta’u, Jimmaa Abbaa Jifaar ammoo qabxii 19 sadarkaa 15ffaa qabatee jira.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.