Fana: At a Speed of Life!

Kim Jong-uun fiilmii, jiinsii fi jechoota hin aadeffamnerra dhorkaa jabaa kaa’an

Finfinnee, Caamsaa 30, 2013 (FBC) – Kooriyaan Kaabaa tibbana seerota haaraa hedduu raggaasistee jirti.
Akkaataa seerota kanneeniin bulchaan biyyattii Kim Jong-uun fiilmii, jiinsii fi jechoota alaa irratti waraana labsaniiru.
Akeekni seerota haaraa kanneeniis dhiibbaa biyyoota alaa hambisuufi jedhame.
Namni fiilmiiwwan Hooliiwuud fi Booliiwuud osoo ilaaluu argame, uffata dhiibbaa biyyoota alaa qabu uffatee fi jechoota alaa kanneen ammayyummaa ibsu jedhaman fayyadamee argame ni adabama.
Kooriyaa Kaabaatti sochiin uummataa daangeffameera, intarneetiin hin jiru, feesbuukii fi tiwiitariin adda citeera, Tv ajandaa mootummaa dabarsu malee kaan ilaaluun dhorkaadha.
Namni fiilmiiwwan biyya Jappaan, Kooriyaa Kibbaa fi Ameerikaa manaa qabu yoo barame du’atu isaa eeggata.
Kanneen ijaan ilaalan ammoo hidhaa hanga waggaa 15’n adabamu.
Hojjetaan tokko yoo qabame, hogganaan kubbaaniyyaa inni keessaa hojjetuus ni adabama.
Akka seerota haaraa biyyattiin baafteetti, daa’imni tokko yoo waa balleesse maatiin ni adabamu.
Madd:-BBC
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.