Fana: At a Speed of Life!

kitaabileen Afaan Oromootiin barreeffaman lama guyyaa har’aa Giddu Gala Aadaa Oromootti eebifaman

Finfinnee, Eebila 9, 2013 (FBC) –Kitaabni mata duree Bu’uura barreeffama Afaan Oromoo jedhu kan Askaalee Tarfaatiin barreeffamee fi kitaabni Mata duree Iccitii Milkaa’ina barataa cimaa jedhu kan Asiraat Abraamiin barreeffammee Qulqulluu Ijootiin gara Afaan Oromootti hiikame eebbifameera.

kitaabni mata duree Bu’uura barreeffama Afaan Oromoo jedhu kan Askaalee Tarfaan barreeffame kun  qabiyyee lama of keessa kan  qabu yemmuu ta’u, qabiyyeen jalqabaa bu’uura barreeffama Afaan Oromorrattii kan xiyyeeffatuufi  qabiyyeen lammataa immoo itti fayyadama sirna tuqaaleerrattii akka xiyyeeffatu Barreessituun kitabichaa  addee Askaalee Tarfaa himaniru.

Kitaabni kun seenaa dogongooraa gama seenaa barreeffama qubee afaan Oromootiin jiru kan furuufi waltina Afaan Oromootiif gumaacha olaanaa akka qabus himameera.

Sirna eebba kitaabaa kanarrattii kan  argaman Ambaasaadar Daggiifee Bulaa kitaabileen Afaan Oromootiin gama aadaa , seenaa fi caasluugaan wal qabatanii barreeffaman kunnin guddina afaanichaaf gumaacha guddaa akka taasisaan dubbataniiru.

Kitaabni mata duree Bu’uura Barreeffama Afaan Oromoo jedhu kun guddina afaanichaaf gumaachaa taasisuun cinnatti barreessitoota dubartootaattis ammilee akka itti horu Ambaasadar Daggiifee Bulaa dubbataniiru.

Itti aanaa Hogganaa Biroo barnoota Oromiyaa obbo Efireem Tasammaa kitaabni kun guddina Og-barruu Oromootif gumaachaa taasisuun cinatti barsiisootaa fi barattootafi gummaacha akka qabu himaniru.

kanaafis manneen barnootaa akka qaqqabu himaniru.

Barreessa Geetachoo Rabbiirra namoota kitaabicha gulaalan keessa tokko yoo ta’an kitaabichi waltina afaan Oromootif ni gumaachan kaasaniiru.

Haaluma wal fakkaatuun kitaabni Iccitii milkaa’ina barataa cimaa jedhu kan barreessa Asiraat Abraahamiin barreeffame Qulqulloo Ijoon Afaan Oromootti hiikamees eebbiifameera.

Kitaabni kun mala baruufi barsiisuu dabalatee akkataa barataan tokko itti milkaa’uu danda’u kan of keessatti qabatee ta’uus kitaabicha gara Afaan Oromootti kan hiikan Barsiisaa Qulqulluu Ijoo himaniru.

Dajanuu Gonfaatu gabaase

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.