Fana: At a Speed of Life!

Kitaabni Asoosamaa Bishaan Gubatee eebbifame

Finfinnee, Waxabajjii 5, 2014 (FBC) –Kitaabni asoosama Bishaan Gubatee kan Gaazexeessaa Mahaamaad Siraajiiin barreeffame Finfinnee, Galma Aadaa Oromootti har’a eebbifameera.
Eebba kitaabichaarrattis hoggantoonni hojii mootummaa, namoonni bebbeekamoo fi keessummoonni biroon argamaniiru.
Barreessaan kitaabichaa Gaazexeessaa Mahaamaad Siraaj, qabiyyeen kitaabichaa seenaa Oromoo, duudhaa fi loqodaa Naannoo Oromiyaa godinaalee garaagaraa dhaloota barsiisuuf gahee guddaa qaba jedheera.
Hiika moggaasa maqaa namootaa godinaalee Oromiyaa garaagaratti moggaafamanii gadi fageenyaan akka xiinxaluu ibseera.
Akkasumas kitaabichaa haala jiruu fi jireenyaa hawaasa Oromiyaa Bahaa kan callaqisiisuudha jedha.
Kitaabni asoosamaa Bishaan Gubatee marsaa 1ffaa fi 2ffaan maxxanfamuu eerameera.
Obsee Waaqgaariitu gabaase
Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.