Fana: At a Speed of Life!

Kitaabni Faaya fayyaa jedhu Dooktar Naafyaad Getuutiin barreeffame eebbifame

Finfinnee, Fulbaana 9, 2014 (FBC) – Guddu gala aadaa Oromootti kitaabni Faaya fayyaa jedhu kan dhimmoota fayyaa waliin wal qabate Dooktar Naafyaad Getuun barreeffame eebbifameera.

Kitaabich fuula 291 qaba jedhame.

Aartii oromoo guddisuu keessatti kitaaboleen afaan oromoon barreeffama bu’aa guddaa kan qaban yommuu ta’an kitaabni faaya fayyaa jedhu dhimma fayyaa waliin wal qabatee kitaaba yeroo jalqabaaf barreeffamedha jedhameera.

Qabiyyeen Kitaabichaa dhibeewwan daddarboo,xinsammuu,dubartoota ulfaa,daa’immanii,fayyaa walii galaa irratti kan hunda’e ta’uu barreessaan kitaabichaa Dooktar Naafyaad dubbataniiru.

Afaan Oromoon kitaabicha dubbisuun haala salphaan dhibeewwan garaagaraarratti hubannoo argachuun kan danda’amu ta’uu Dooktar Naafyaad ibsaniiru.

Tasfaayee Ijjiguutu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.