Fana: At a Speed of Life!

Komiishinichi ergama biyyaa irraa ka’aamee sirnaan akka ba’uu qaamoleen ilaallatuu deeggarsaa fi tumsa barbaachisu taasisuu akka qaban ibsame

Finfinnee, Bitootessa 30, 2013 (FBC)- Itti aantuun Kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee miseensootaa komiishinii bulchiinsa dhimmoota daangaa fi eenyummaa waliin mari’atan.

Mariichaan aadde Adaanach komishinichii daangaa, eenyummaa fi ofi ofbulchuun wal qabsiisee qorannoo fi qo’annoo taasisuuf bulchiinsi magaalichaa deeggarsa  barbaachisaa akka taasisuu ibsaniiru.

Walitti qabaan koomishinichaa Dooktar Xaasaaw Gabree gama isaanitin, daangaa, eenyummaa fi ofiin ofbulchuun wal qabsiisee gaaffiwwan ka’aa jiraaniif fala kan ta’uu yaada gorsaa qaamolee dhimmi ilaallatuuf dhiyeessuuf hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Hojiicha bu’a qabeessa taasisuuf deeggarsii fi tumsi qaamolee dhimmi ilaallatuu barbaachisaadha jedhaniiru.

Qorannoo fi qo’annichaa biyyoolessaa ta’uusaan saamudaaf bulchiinsa magaalaa Finfinneetti kutaalee magaalotaa murta’oon filatamuun qorannoon gaggeeffamaa jiraachuu ragaan komishinicharra argamee ni muul’dhisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.