Fana: At a Speed of Life!

Komishiiniin Tuurizimii Oromiyaa waggoota shanan dhufanitti galii birrii Biiliyoona 5 argachuuf hojjechaa jiraachuu ibse

Finfinnee, Amajjii 19, 2014 (FBC) – Komishiiniin Turizimii Oromiyaa waggoota shanan dhufanitti galii birrii Biiliyoona 5 argachuuf hojjechaa jiraachuu beeksiseera.

Komishiinichi waggoota kana keessaatti carraa hojiis namoota 500 uumuuf kan hojjetu ta’uu himeera.

Oromiyaatti iddoolee hawwata Tuurizimii ta’aniitti fayyadamuuf hojjetamaa jiraachuu
Komishiinarri Komishiinii Turizimii Oromiyaa Lalisee Dhugaan himaniiru.

Komishiinichi ”Oromiyaa daawwadhaa” mata duree jedhuun qabeenya hawwata Tuurizimii naannichatti argamu beeksisuun, diinagdee biyyaa keessaatti shoora isaa akka bahuuf hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Waggoota shanan dhufanitti damee kanaan galii birrii biiliyoona 5 argachuuf karoorfamuus himaniiru.

Baatiiwwan 18 darbaniitti dhaabbilee daawwachiiftootaa 22 hundeessuun gara hojiitti akka galan taasifameera jedhan.

Waggoota shanan dhufanitti immoo kallattiin Tuurizimiirraa fayyadamoo kan ta’aan carraa hojii namoota kuma 5 uumuuf hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Tuursitoonni sodaa nageenyaa tokko malee akka socho’aniif Poolisii Tuurizimii hundeessuun Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaavfi dhaabbilee Fedeeraalaa waliin tumsaan hojiin eegalamuu himaniiru.

Maddi:- TOI

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.