Fana: At a Speed of Life!

Komishinichi filannoon guyyaa boruu gaggeeffamu karaa nagaan akka xumuramuuf qophii barbachiisaa taasisuun hojiitti galuu ibse

Finfinnee, Waxabajjii 13, 2013 (FBC)- Komiishinii Poolisii Federaalaa filannoon biyyoolessaa marsaa 6ffaa guyyaa boruu gaggeeffamuu karaa nagaan akka xumuramuuf qophii barbaachisaa xumuruun gara hojiitti galuu ibseera.

Yakkoota hawaasaaf sodaa ta’aan ittisuuf qaamolee dhimmi ilaallatuu waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu ibseera.

Jiraattoonni magaalaa Finfinnee hojii yakka idilee ittisuurratti eeruu fi odeeffannoo laachuun hojii nageenyaa akka deeggaruuf waamicha dhiyeesseera.

Hawaasni magaalichaa filannoon marsaa 6ffaa nagaan akka xumuramuu fi shooraasaa akka ba’aatuufi wantoonni shakkisiisoon yoo muudatan qaamolee nageenyaa buufatalee filannoo fi kutaa magaalaa hundatti argamaniif qaamaan qunnamuu fi bilibilaan eeruu akka laataniif sararoota bilbilaa ifoomseera.

  • Poolisii Federaalaa 0115526303 sarara bilisaa 987
  • Poolisii Magaalaa Finfinnee 011-1 11-01-11 sarara bilisaa 991
  • Qajeelcha poolisii kutaa magaalaa Boolee 0116674618
  • Qajeelcha poolisii kutaa magaalaa Addis 0112733743
  • Qajeelcha poolisii kutaa magaalaa Kolfee Qaraniyoo 0113717753
  • Qajeelcha poolisii kuataa magaalaa Nifaas Silki Laaftoo 0114431529
  • Qajeelcha poolisii kutaa magaalaa Araadaa 0111573426
  • Qajeelcha Poolisii kutaa magaalaa Lidaataa 0115153760
  • Qajeelcha poolisii kutaa magaalaa Gullaallee 0111575059
  • Qajeelcha poolisii kutaa magaalaa Yakkaa 0116183339
  • Qajeelcha poolisii kutaa magaalaa Qiirqoos 0115528044
  • Qajeelcha poolisii kutaa magaalaa Aqaaqii 0114391437

Dabalataanis jiraattoonni kutaa magaalaa Lammii Kuraa kutaa magaalaa Yakkaa fi Kutaa magaalaa Booleen daangeeffamaan sararoota bilbilaa qajeelcha kutaa magaalaa lameeniirratti fayyadamuu akka danda’aan ragaan Komiishinii Poolisii Federaalaarra argamee ni muul’dhisa

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.