Fana: At a Speed of Life!

Komishinichi leenjitoota qorannoo yakkaa fi to’annoo Tiraafikaan leenjisaa ture 397 eebbisiise

Finfinnee, Adooleessa 24, 2013 (FBC) –Komishiniin Poolisii magaalaa Finfinnee leenjitoota qorannoo yakkaa fi to’annoo Tiraafikaan leenjisaa ture 397 eebbisiiseera.

Komishinichi humna Poolisii nageenya magaalichaa mirkaneessuu danda’u horachuuf hojjechaa jiraachuu Komishinarri Komishinii Poolisii magaalaa Finfinnee Geetuu Argaaw ibsaniiru.

Hanqina qorannoo yakkaa fi to’annoo Tiraafikaan muudachaa jiru guutuuf eebbifamtoonni har’aa qooda qabaachuu dubbataniiru.

Miidhaa balaan Tiraafikaa qabeenyaa fi lubbuu namaarraan ga’aa jiru hir’isuuf eebbifamtoonni kunneen loogiin ala hawaasa isaanii tajaajiluu akka qaban dhaamuu ragaan Komishinii Poolisii magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.