Fana: At a Speed of Life!

Komishiniin Gumuruukaa meeshaleen koontiroobaandii Birri miiliyoona 30tti tilmaamamu too’atamuu ibseera

Finfinnee, Onkololeessa 17, 2013 (FBC) – Komishiniin Gumuruukaa meeshaleen koontiroobaandii Birri miiliyoona 30tti tilmaamamu too’atamuu ibseera.
 
Komishinarri Komishinii Gumuruukaa Dabalee Qaabataa akka beeksisanitti mana kuusaa garagaraa 5 keessatti kuufamanii kan argaman meeshaaleen koontiroobaandii Birri miiliyoona 30 fi kuma 110 fi kuma 74 fi 225tti tilmaamamu eeruu ummataan too’atamaniiru.
 
Godina Harargee Bahaa aanaa Mi’eessoo magaalaa Asabootti keessatti Onkololeessa 11, 2013 mana kuusaa 5 keessaatti meeshaalen seeraa ala walitti qaban carraaqqi hojjetooni waajjira damee Gumuruukaa Awaash, humna addaa Oromiyaa fi hawaasni taasisaniin tto’atamuu ibsaniiru.
 
Meeshaleen too’ataman qorichoota, Sigaaraa, baala sammuu namaa hadhoochu akkasumaas uffata dabalee meeshaleen garagaraa gara mana kuusaa gumuruukaatti galii ta’uu ibsameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.