Fana: At a Speed of Life!

Komishiniin hoggansa sodaa balaa biyyaalessaa naannoo Tigraayitti deeggarsa taasiise

Finfinnee, Amajjii 10, 2013 (FBC ) – Komishiniin hoggansa sodaa balaa biyyaalessaa naannoo Tigraay Magaala Shiree fi naannoo isheetiif deeggarsa nyaata madaalawaa fi qorichoota adda addaa kuntaala 500 erguu beeksise.

Deeggarsi lammiilee rakkataniif naannichatti taasifamu cimee itti fufa jedhan Komishinarri Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa Biyyaalessaa Mitikkuu Kaasaan.

Nyaannii fi qorichoonni ergame kun haadholiifii daa’immaniif kan oolu ta’uu himaniruu.

Komishinichi hanga ammaatti naannichatti namoota miiliyoona 1.8f deeggarsa taasisuus beeksiseera.

Akka biyyittiitti lammiilee iddoolee adda addaatti deeggarsa barbaadaniif kan oolu midhaan nyaataa meetiriik tooniin kumni 20 alaa galaa jiraachuu Komishinar Mitikkuun ibsaniiru.

Maddi:- TOI
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;

Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.

Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa

Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.