Fana: At a Speed of Life!

Koomiishiniin Mirga Namoomaa Ityoophiyaa kaayyoo hundeeffameef dhaabbachuu qaba jedhame

Finfinnee, Amajjii 14, 2012 (FBC) – Koomiishiniin Mirga Namoomaa Ityoophiyaa kaayyoo hundeeffamee fi itti gaafatamumma irra kaa’ame qixaan ba’achuu akka qabu ibsame.

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa walga’ii idileesaa 10ffaa bara hojii 5ffaa guyyaa har’aa gaggeessera.

Manni marichaa walga’iisaan gabaasa raawwii karoora Koomiishinii Mirga Namoomaa Ityoophiyaa bara 2012 baatii 6 dhaggeeffateera.

Gabaasicha kan dhiyeessan koomiishinarri koomishinichaa Dooktar Daani’eel Baqqalee koomiishinichi erga hundeeffamee waggaa 15 yoo ta’ellee siyaasawwan kanaan dura turee fi sababoota kanaan walqabatanirratti itti gaafatamummaa isarraa eegamu sirnaan akka hin ba’anne kaasaniiru.

Rakkinicha furuuf waqtii ammaa kana koomiishinichi bifa haaraan caasessuu fi hojiin ijaarsaa hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Bu’uuruma kanaan dandeettii dhaabbatichaa fi hanqinoota seeraa mul’atan jijjiiruuf qorannoon taasifamaa jiraachuu kaasaniiru.

Labsiin hundeeffama koomiishinicha erga ba’ee waggaa 20 ol kan ture yoo ta’u, labsichi haala biyyattii fi addunyaan irra jirtuun walbira qabamee jijjiiruuf hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Miseensonni mana marichaa gama isaaniin koomiishinichi kaayyoo hundeeffamee fi itti gaafatamummaa itti laatame bifa sirriin ba’achuu akka qabu hubachiisaniiru.

Dabalataanis, manni marichaa koree dhaabbii dhimmoota seeraa, haqaa fi dimokraasii fi koree dhaabbi dhimmoota dubartoota, dargaggootaa fi hawaasumma wixinee labsii daldala namaa fi namarratti yakka daanga ce’aa seeran alaa ittisuu fi to’achuuf dhiyaate raggaasiseera.

Labsichi namaan daldaluu, nama karaa seeraan alaan daangaa ceesisuu fi yakka karaa seeraan alaa hojiif nama gara biyya alaatti erguu, lammiileerra miidhaa qaamaa, lubbuu fi nageenyaa cimaa fi miidhaa mirga namoomaa ittisuu kan danada’u ta’uun ibsameera.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.