Fana: At a Speed of Life!

Komishiniin Nageenya Araaraa Biyyaalessaa Preezdaanti Naannoo Hararii obbo Oordiin Badirii waliin mari’atan

Finfinnee, Amajjii 8, 2012 (FBC) – Komishiniin Nageenya Araaraa Biyyaalessaa guyyaa har’aa Preezdaanti Naannoo Hararii obbo Oordiin Badirii, hoggantoota hojii fi miseensoota kaabinee naannichaa waliin mari’ateera.

Maricharratti Preezdaanti Naannoo Hararii obbo Oordiin Badirii mootummaan biyyattii nageenyi waaraa akka bu’uuf komishinii nageenya Araaraa hundeessuun isaa gaarii akka ta’e ibsaniiru.

Obbo Oordiin Badirii Sochii Komishiniin Nageenya Araaraa Biyyaalessaa nageenyi waaraan biyyattiitti akka bu’uuf taasisan mootumma naannicha ni deeggara jedhan.

Miseensoonni komishinichaa nageenyi waaraan biyyattii keessatti yoo jiraatee fi sochiin jijjiiramaa biyyattiitti eegalame itti yoo fufe faayidaa olaanaa akka qabu himaniiru.

Nageenyi biyyattii akka bu’uuf mootummaan naannichaa tumsa barbaachisu akka taasisu gaafataniiru.

Obbo Oordiin Badirii waliin jireenya, nageenyaa fi tokkummaan hawaasaa baroota dheeraaf ture akka jiraatuuf ni hojjenna jedhaniiru.

Maricharratti preezdaantii Mana Maree Waliigalaa Dhimma Islaamummaa Ityoophiyaa Muuftii Hajii Umar Indiriisii fi Abbaa Gadaa Goobana Hoolaa dabalatee miseensoonni komishinichaa argamaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.