Fana: At a Speed of Life!

Komishiniin Poolisii naannoo Hararii Eegdootaa fi Jaaldhabdoota aanga’oota olaanoo leenjisaa ture eebbisiise

Finfinnee, Sadaasa 13, 2013 (FBC) – Komishiniin Poolisii naannoo Hararii Eegdootaa fi Jaaldhabdoota aanga’oota olaanoo giddugala leenjii raayyaa ittisaa Huursootti leenjisaa ture 113 yeroo jalqabaaf eebbisiise.
Sirnicharratti Preezdaantii naannoo Hararii obbo Oordiin Badirii fi Af yaa’iin Mana Maree naannichaa aadde Addisaalem Bazzabihi argamuu ragaan Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa naannoo Harariirraa argame ni muul’isa.
Sirna eebbaa kanarratti Preezdaantiin naannoo Hararii obbo Oordiin Badirii fi hogganaan Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa naannichaa obbo Naasir Yuuyyaa erga baga gammaddanii dabarsaniiru.
Leenjitoonni qabxii olaanaa galmeessan keessummoota kabajarraa badhaasaa fi waraqaa beekkamtii qophaa’eef fudhataniiru.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.