Fana: At a Speed of Life!

Konfirensiin Intalajensii Arteefishaalii Paan Afrikaa Finfinneetti baname

Finfinnee, Fulbaana 24, 2015 (FBC) – Konfirensiin Intalajensii Arteefishaalii Paan Afrikaa Finfinneetti banameera.

Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimadii fi Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonniin sirna baniinsa Konfirensichaarratti argamaniiru.

Konfirensicha Inistiittyuutii Intalajensii Arteefishaalii Ityoophiyaan kan qophaa’e yoo ta’u, Gola Hambaa Saayinsii guyyaa har’aa eebbifame keessatti gaggeeffamaa jira jedhame.

Konfirensichi mata duree ‘Intalajensii Arteefishaalii Afrikaa Ga’oomsuu’ jedhuun gaggeeffamaa jira.

Waltajjii guyyoota lamaaf turu kanarratti sadarkaa Teeknooloojiin Intalajensii Arteefishaalii Afrikaa irra jiru ilaalchisee barreeffamoonni saayinsaawaa dhiyaachuun irratti ni mari’atama jedhamee eegama.

Dabalataan muuxxannoon Emireetoota Araba Gamtoomanii damichaan jiru dhiyaachuun mariin irratti ni gaggeeffama jedhameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.