Fana: At a Speed of Life!

Konkolaataa deeggarsa namoomaa fe’ee imalaa ture keessatti Birriin seeraan ala daddabarfamaa ture miiliyoonni 2.2 to’atame

Finfinnee, Adoolessa 28, 2014 (FBC) – Konkolaataa deeggarsa namoomaa fe’ee imalaa ture keessatti Birriin seeraan ala daddabarfamaa ture miiliyoonni 2.2 to’atamuu buufanni To’annoo Komishinii Gumurukaa Damee Samaraa beeksiseera.

Konkolaataa deeggarsa namoomaa fe’ee imalaa ture irratti sakattoo taasiifameen maallaqni seeraan daddabarfamaa ture miiliyoonni 2 fi kumni dhibbi 2 fi kumni 80 ol to’atamuu ibsameera.

Torbee kana qofa maallaqni seeraan alaa Birriin miiliyoonni 8.8 to’atamuu Qindeessaan buufatichaa Komaandar Ahimad Saalihiin ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.