Fana: At a Speed of Life!

Konkolaataan NASA ‘Perseverance’ Maarsiirra qubatte

Finfinnee, Gurraandhala 12, 2013 (FBC) – Ejansiin hawaa Ameerikaa konkolaataa (rover) maqaa Perseverance jedhamu kennameef, milkaa’inaan Maarsiirra qubachiise.
Konkolaataan kun dhooqa guddaa mudhii lafaa pilaaneetii kanaatti kan argamu ‘Jezero ‘jedhamu maddii qubatte.
”Oduun dansaa jiru, akkan yaadutti xiyyaar-samiin kun haala gaariirra jirti,” jedhan qondaalli piroojektichaa Maat Waalaas.
Injinaroonni Nasa bakka to’annoo ergama kanaa Kaalifoorniyaa turan, wayita oduun qubachuu mirkanaa’etti gammachuun lafaa ka’an.
Konkolaataan miila jaha qabdu kun, yoo xiqqaate waggoota dhufan lamaaf dhakaa uruun odeeffannoo sassaabdi – kunis jireenyi as gubbaa amma dura jiraachuufi dhisuu baruuf gargaara.
‘Perseverance’Maars gahuuf ji’oota jaha oliif imalaa kan turte yoo tahu, fageenyi imaltees kiiloomeetira miiliyoona 480.
Lafti gadi-dhooqaan ‘Jezero’ jedhamu kun, waggoota biiliyoonaan dura haroo guddaatu keessa ture jedhamee yaadama.
Bakka bishaan turetti ammoo, jireenyi jiraachuun isaa waan hinoolledha.
Maddi:- BBC
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.