Fana: At a Speed of Life!

Konkolaattoota 27,345.00 Tarkaanfiin irratti fudhatameera, konkolaattoota 263 hidhaamaniiru – obbo Adisuu Araggaa

Finfinnee, Caamsaa 18, 2012 (FBC) –– Tatamsa’ina vaayrasii Koroonaa to’achuuf hojiin hubannooo ummata cimsuu waan hundaa olitti xiyyeefannoo addattiin hojjetamaa jiruudha jedhan Sadarkaa Itti aanaa Preezdaantiitti Qindeessaan Kilaastara Hawaasummaa Obbo Addisuu Araggaa.

Hojii hubannoo uumuu qooda fudhatootta hirmaachisuun manaa manatti hojjetameen namoota 35,425,116 ta’aniif hubannoon fayyaa fuula fuulatti kennameefi jira jedhan.

Ta’us jijjiramni amalaa hanga eegametti dhufaa hinjiru jedhan obbo Addisuun.
Yeroo vayrasiin koroonaa tatamsa’inni isaa dabalaa jiru kanatti hawaasa biratti dagannaa fi maal nadhibdeen socho’uun bal’inaan mul’ataa jiraachullee himaniiru.

Hanqina gama kanaan jiru furuuf hojii hubannoo uumuu cimsanii itti fufuun cinatti tarkaanfiin ol’aantummaa seeraa kabajichiisuu fudhachuun murteessa waan ta’eef mootummaan tarkaanfii ol’aantummaa seeraa fudhachuu eegalee jiras jedhan obbo Addisuun.

Haaluma kanaan Dhorkaawwan labsii yeroo hatattamaa tatamsa’ina vaayirasii koronaa to’achuuf bahe cabsuun namoota socho’aa turan 1,600 ol to’annoo seeraa jala oolanii jiru.

Namoota kana irratti himannaan banamee namootni 933 adabbii maallaqaa fi hidhaa salphaadhaan akka adabaman itti murtaa’ee jira. Kannen hafanis himatni irratti banamee adeemsa irra jiraachuu obbo Addisuun fuula feesbuukii isaaniratttti barreessaniiru.

Rakkooleen daballii gatii meeshaalee kanniin sababa diinagdawwaa of keessatti kan hin qabnee hawaasa keenya midhuuf kayyefatte qolachuuf adeemsa gorsuu fi barsiisuu cinatti tarkaanfiiwwaan bulchiinsaa fi seeraa karaa qindoominaa qabuun fudhatameeras jedhan.

Haaluma kanaan hanga torbee darbetti dhaabbilee daldalaa 20,834 irratti tarkaanfiin bulchiinsaa fi seeraa irratti fudhatameera.

kanniin keessaa daldaltoonni 409 to’annoo jala oolanii seeraaf dhiyaatanii jiru jedhan obbo Addisuun.

Konkolaachiftoota qajeelafama bahee cabsanii darbaa fe’an, taarifaa ol kaffalchiisan, tajaajila hayyamameef ala hojjetan irratti tarkaanfiin bifa garagaraa irratti fudhatameera.

Konkolaattoota 27,345.00 Tarkaanfiin irratti fudhatameera, konkolaattoota 263 hidhaamaniiru.

Adabbii kanaan Birriin.19,141,500 adabamaanii jirus jedhan.

Akka Biiroon Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa beeksiseetti ummata keenya balaa vaayrasii Koronaa irraa baraaruuf jecha hojii hubannoo uumuun cinatti tarkaanfii ol’aantummaa seeraa kabajichiisuu fudhachuun cimee kan itti fufu tahullee obbo Addisuun ibsaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.