Fana: At a Speed of Life!

Konsartiin Muuziqaa galma Barkumeetti gaggeeffamuufi

Finfinnee, Onkoloolessa 3, 2015(FBC)- Konsartiin Muuziqaa duudhaalee aadaa gama muuziqaan ibsuurratti kaayyeffate galma Barkumeetti gaggeeffamuuf ta’uu ibsame.

Konsartichi Onkolooleessa 05, 2015 mata duree “Maajatee” jedhuun kan gaggeeffamu ta’uu eerameera.

Koonsarticharratti artistoonni beekamoon muuziqaa isaanii kan dhiyeessan yoo ta’u, ogeeyyiin aartii waamichi taasifameef ni argamu jedhameera.

Waltajjichaan artist Maahammud Ahimad waggoota dheeraan booda hojiilee muuziqaasaa kan dhiyeessu ta’uu ibsameera.

Artist Niinaa Girmaan albeema ishee Maajateen hojiishee jalqabaa uummata biraan ni geessi jedhameera.

Dabalataanis artistoonni kanneen akka Leencoo Gammachuu, Abinnat Aggonaafir, Beetiijii, Yaared Nagguufi Girmaa Tafarraa konsarticharratti kan hirmaatan ta’uu qopheessitoonni Faanaa Broodkaastiing Korporeetiif ibsaniiru.

Kaayyoon konsartichaa duudhaalee aadaa gama muuziqaan ibsuun dinqisiifattoota bohaarsuuf ta’uu eerameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.