Fana: At a Speed of Life!

Kontirobaandiin bilbiloonni 725 Birrii miiliyoonaa 10 olitti tilmaamaan to’ataman

Finfinnee, Fulbaana 26, 2015 (FBC) – Kontirobaandiin biyya keessa galfamuuf kan turan bilbiloonni ismaartii 725 Birrii miiliyoona 10 olitti tilmaamaman to’atamuu Poolisiin Magaalaa Finfinnee beeksise.

Bilbiloonni kunneen Finfinnee kutaa Magaalaa Kolfee Qaraaniyootti mana jireenyaa keessatti shakkamtoota sadii waliin akka to’ataman eerameera.

Shakkamtoonni kunneen yakka raawwatan jalaa walaba ba’uuf poolisota to’atan kennaa birrii miiliyoona lamaa fi bilbilootaan gowwoomsuuf yaalanis akka hinmilkoofne ibsameera.

Namoota sadeen yakkicha keessatti hirmaatan dabalatee konkolaattotaa lamaafi meeshaaleen tajaajilaa bilbilaaf oolaan qaala’oo biroon to’atamuun, qorannoon dabalataan gaggeeffamaa jiraachuu eerameera.

Magaalattitti haala walfakkaataan yakkoota raawwataman biroo ittisuuf namoonni mana kireessan eenyummaa kireeffattootaa fi hojii isaanii mirkaneeffachuun itti gaafatamummaa isaanii bahachuu akka qaban ibsameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.