Fana: At a Speed of Life!

Konveenshinichi Akkaadamii Saayinsiin akka hogganamu murtaa’e

Finfinnee, Hagayya 27, 2013 (FBC) – Konveenshiiniin qorannoo,teeknooloojii fi walitti hidhaminsa Indaastirii Barnoota olaanoo Akkaadamii Saayinsiin akka hogganamuu murtaa’eera.
Sadarkaa biyyaatti Yuunivarsiitiwwaan Mootummaa fi dhuunfaa akkasuma Dhaabbileen Teeknikaa fi Ogummaan qorannoowwaan hojjetaman, teeknooloojii fi walitti hidhamisii Indaastirii waggaatti dorgommiif akka dhiheessaan hawaasaafis faayidaa fooyya’aa akka kenaniif Akkaadaamii saayinsii Ityoophiyaan akka hogganamu taasisuu murtaa’uu Ministeerri Saayinsii fi Dhaabbilee Barnoota olaanoo beekisiseera.
Ministir Deettaan Ministira Ministeera Saayinsii fi Dhaabbilee Barnoota olaanoo Proofeesar Afawariq Kaasuu fi Proofeesar Tsiggee Gabramaariyaam waliigalticha mallattessaniiru.
Koonveenshiiniin qorannoo,Teeknooloojii fi walitti hidhaminsa Indaastirii Barnoota olaanoo ‘Zaheerti Konveeshiin -2012’ jedhu yeroo jalqabaaf baatii Adooleessaa darbe gaggeeffamuu Akkaadaamiin Saayinsii Ityoophiyaa beeksiseera.
Maddi:-TOI
Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.