Fana: At a Speed of Life!

Pilaatfoormiin Diijitaalaa “Awo Dooktar” jedhamu eebbisiifame

Finfinnee, Fulbaana 13, 2014 (FBC)- Pilaatfoormiin Diijitaalaa “Awo Dooktar” jedhamu tajaajila waldhaansaa manaa manatti kennuu dandeessisu  eebbisiifamuu ibsameera.

Pilaatfoormiin kun waliin gahiinsa tajaajila waldhaansaa kennuurra darbee kaffaltii diijitaalaas kan jajjabeessu ta’uu ibsameera.

Pilaatfoormichi dhaabbata biyya keessaa Illibaat jedhamuun gara hojiitti kan seenu ta’uu himameera.

Pilaatfoormiiwwan diijitaalaa akka kanaa kaayyoowwan Diijitaala Ityoophiyaa 2025 irratti qabataman milkeessuu kan danda’an ta’uu Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojiitti Jeneraal Daayreektarri Ce’umsa Sagantaa Diijitaalaa Dooktar Abiyoot Baayyuu ibsaniiru.

Hoji gaggeessan dhaabbata Illibaat obbo Natsaannat Raayyaa gama isaaniitiin, pilaatfoormichi rakkoolee gama  fayyaan mudatan hir’isuu dabalataan carraa hojii dabalataa kan uumuu ta’uu ibsaniiru.

Hanga ammaatti ogeessonni fayyaa 500 ta’an pilaatfoormichaan galmaa’uus ragaan Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojiirraa argame ni mul’dhiisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.