Fana: At a Speed of Life!

Koomiishinichi qabeenya hojjettoota mootummaa mara galmeessuf akka ta’e ibse

Finfinnee, Adoolessa 28, 2012 (FBC) – Koomiishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa bara 2013 qabeenya hojjettoota mootummaa mara galmeessuf akka ta’e ibse.
 
Qabeenya beeksisuu fi galmeessuun iftoominaa fi gaafatama uumuun hojimaata badaa hambisuuf gargaara jedheera koomiishinichi.
 
Qabeenya hojjettootaa galmeessuun kan barbaachise, baajata mootummaa fi guddina biyyaa waliin qabsoo farra malaammaltummaa walgitu gaggeessufi jedheera.
 
Galmee qabeenya abbootii taayitaa kanaan dura gaggeeffamuun cinaatti, kan hojjettootaas bara 2013tti galmaa’uu ni eegala jedheera koomiishinichi.
 
Kanaan dura qabeenya muudamtootaa, bakka buutota ummataa fi hojjettoota mootummaa kuma dhibba 2 fi kuma 20 ta’anii galmeessuu beeksiseera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.