Fana: At a Speed of Life!

Koomiishiniin Mirga Namoomaa Ityoophiyaa ittigaafatama irraa eegamu sirnaan ba’achuu qaba jedhame

Finfinnee, Amajjii 22, 2012 (FBC) – Koomiishiniin Mirga Namoomaa Ityoophiyaa ittigaafatama irraa eegamu sirnaan ba’achuu akka qabu ogeeyyiin seeraa himan.
 
Abukaatoo fi gorsaan seeraa obbo Wubishat Girmaa fi Malkaamuu Ugoon koomiishinichi itti gaafatama laatameef sirnaan ba’achuu qaba jedhaniiru.
 
Mirga lammiilee kabachiisuurratti xiyyeeffannoon hojjechuu qabas jedhaniiru.
 
Koomiishinichi walaba akka hin ta’in, rakkoo dandeettiisaa furachuu dhabuu, dhiibbaa mirgoota namoomaa qaqqaban dhaabsisuu dadhabuusaas ibsaniiru.
 
Barsiisaa seeraa fi qorataan Yuunvarsiitii Hawaasaa Dooktar Maarishat Taaddasaan Ityoophiyaan dhaabbilee demokraasii ijaaruurratti qaawwa muul’atu hiikuurratti rakkoolee jiru furuu akka qabdu dhaamu.
 
Koomiishinarri Koomiishinii Mirga Namoomaa Ityoophiyaa Dooktar Daani’eel Baqqalaan hojii riifoormiitin labsii hundeessituu koomiishinichaa fooyyessuu, filannoo koomiishinarootaa walaba gochuu fi waajjiraalee naannolee gurmeessuun xiyyeeffannaadha jedhan.
 
Awwal Abarraatu gabaase.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.