Fana: At a Speed of Life!

Koomiishiniin Poolisii Finfinnee poolisoota idilee 500 ebbisiise

Finfinnee, Amajjii 9, 2012 (FBC) – Koomiishiniin Poolisii Magaalaa Finfinnee poolisoota idilee 500 ebbisiise.
 
Koomiishinii Poolisii Magaalaa Finfinneetti Akkaadaamiin Poolisii marsaa 21ffaaf leenjitoota poolisii idilee baatii 7f leenjisaa ture 500 har’a ebbisiisera.
 
Sirnicharratti koomiishinar janaraalli Koomiishinii Poolisii Federaalaa Indaashaaw Xaasaw, koomiishinarri Koomiishinii Poolisii Finfinnee Geetuu Argaaw, daayreektarri akkaadaamichaa itti aanaa koomiishinaraa Makoonnin Ashaagreen argamaniiru.
 
Ebbifamtoonni nageenya magaalaa fi jiraattota magaalaa Finfinnee, olaantummaa seeraa eegsisuu keessatti ga’ee isaanii akka ba’atan dhaamameera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.