Fana: At a Speed of Life!

Koomishinichi baatiiwwan ja’an darbanitti deeggarsa namoomaa meetirik toonii kuma 700 ol dhiyeessuu beeksise

Finfinnee, Guraandhala 2, 2015 (FBC)- Koomiishiniin Hoggansa Sodaa Balaa Ityoophiyaa baatiiwwan ja’an darbanitti deeggarsa namoomaa meetirik toonii kuma 700 ol dhiyeessuu beeksise.

Koomishinichi yaa’ii fi gamaaggama raawwii baatiiwwan ja’an darbanii Dirree Dhawaatti gaggeessaa jira.

Komishinarri Koomishinichaa Dooktar Shifarraa Takilamaariyaam akka jedhanitti, baatiiwwan ja’an jalqabaa 2015 keessa sababa hongee fi lolaatiin naannawaa biyyattii hundatti lammiilee miidhaman miiliyoona 21 fi kuma 306 fi 817 adda baasuun deeggarsa namoomaa taasisuuf hojjetamaa tureera.

Kanneen keessaas lammiillee miiliyoona 9.9 ol gama mootummaatiin deeggarsa taasisuuf karoorfame, lammiilee miiliyoona 11. 4 oliif deeggarsi taasifamuu ibsan.

Bara baajatichaatti lammiilee deeggarsi namoomaa taasifameef miiliyoona 16 ol ta’an kanneen hongeen miidhamanii fi kanneen hafan miiliyoonni 4.5 ammoo sababa balaawwan uumamaan kanneen qe’eesaanirraa buqqa’anii, gartokkeen qe’eetti deebi’an ta’uu dubbataniiru.

Haaluma kanaan baatii Adoolessaa 2014 hanga Muddee 2015tti lammiilee deeggarsi guyyuu barbaachisuuf deeggarsa meetirik toonii miiliyoona 1 fi kuma 78 ol dhiyeessuuf karoorfame keessaa meetirik toonii kuma 708 fi 157 dhiyeesuun akka danda’amee fi karooricha %66 milkeessuu himaniiru.

Maahileet Takilabirhaantu gabaase

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.