Fana: At a Speed of Life!

Koongootti weerarri Vaayrasii Ibooloo mudate

Finfinnee, Onkololeessa 5, 2014 (FBC)- Riippaabiliika Diimokiraatawaa Koongoo kutaa bulchiinsa Kiivuutti weerarri Vaayrasii Ibooloo mudachuu ibsame.

Kutaa bulchiinsichaatti namni vaayrasii kanaan qabame 2ffaan argamuu fi guyyaa kaleessaa lubbuun darbuu ibsameera.

Aanga’oonni fayyaa biyyattii Dhaabbata Fayyaa Addunyaa waliin ta’uun kaaba Kiivuutti talaallii Iboolaa kennuuf qophii ta’uu ibsaniiru.

Talaalliin ittisa Iboolaa  doozii kumni  1 fi meeshaalee wal’aansaa biroo gara naannichaatti geessuus ibsaniiru.

Biyyattiitti lakkoofsi namoota vaayrasii Iboolaan qabamanii 12 yoo ta’u, namoonni 6 lubbuun darbuu ibsameera.

Maddi:- CGTN

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.