Fana: At a Speed of Life!

Kooriyaa Kibbaatti guyyaa takkaan namoonni 594 koroonaa vaayrasiif saaxilaman

Finfinnee, Gurraandhala 21, 2012 (FBC) – Kooriyaa Kibbaatti guyyaa takkaan namoonni 594 koroonaa vaayrasiif saaxilamuun argamaniiru.

Guyyaa takkaan namoonni haaraan koroonaa vaayrasiif saaxilaman 594 ta’uu giddugalli to’annoo dhukkubaa biyyattii beeksiseera.

Kanaafis haga ammaatti namoonni vaayrasichaaf saaxilaman kuma 2 fi 931 ga’aniiru.

Wayita ammaas vaayrasichi biyyattiitti sadarkaa olaanaan tatamsa’aa jiraachuu giddugalichi beeksiseera.

Kana malees Ameerikaa Kaalifoorniyaa fi bulchinsa Oreengoon keessatti namoonni vaayrasichaaf saaxilaman jiraachuunis ibsameera.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa akka beeksisetti namoonni 59 vaayrasichaaf saaxilamaniiru.

Ka’umsasaa magaalaa Wuhaan kan taasise koroonaa vaayrasiin addunyaarratti biyyoota 50 olitti muul’ateera.

Namoonni kumni 83 fi 650 vaayrasichaaf saaxilamaniiru.

Dabalataan guyyaa kaleessaa qofa biyyoota 6 keessatti mul’ateera.

Naannoo vaayrasichi itti muul’atetti gabaa aksiyoona idil addunyaarrattis gufuu ta’eera.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaas tamsa’inni vaayrasichaa sadarkaa olaanaarra jiraachuu ibseera.

Maddi:-BBC

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.