Fana: At a Speed of Life!

Kooriyaan Kaabaa Kiruuz Miisaa’elii 2 furguggisuu gabaafame

Finfinnee, Hagayya 11,2014 (FBC)-  Kooriyaan Kaabaa Kiruuz Miisaa’elii 2 furguggisuu gabaafame.

Biyyattiin Kiruuz Miisaa’elii 2 gara qarqara galaana keellootti furguggisuu tajaajilli oduu Kooriyaa Kibbaa Yuunhaapz gabaaseera.

Yaaliin furguggisuu miisaa’elaa kun baatii Amajjii darbee as yeroo jalqabaaf ta’uu RTn gabaaseera.

Yaalichi Kooriyaan Kibbaa Ameerikaa waliin shaakala loltummaa erga taasisteen booda taasifamuu ibsameera.

Kooriyaan Kaabaa shaakala loltummaa biyyoonni lameen waliin taasisan walitti bu’iinsaaf kan nama afeeru, naannawichatti muddama kan hammeessu jechuun komiishee ibsa turteetti.

Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Kooriyaan Kaabaa Misaa’elii Baalistikaa akka hin furguggifneef qoqqobbii kan kaa’e yoo ta’u Kiruuz Miisaa’elii  ilaalchisee garuu qoqqobbii irra hin keenye.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.