Fana: At a Speed of Life!

Kooriyaan Kaabaa Misaa’eela Baalaastikaa gara Galaanaatti furgugsite

Finfinnee, Muddee 27, 2014 (FBC) – Kooriyaan Kaabaa Misaa’eela Baalaastikaa gara Galaanaatti furgugsuu beeksiifteerti.
Hogganaan biyyaattii Kiim Joong Uun torbee darbe Konfirensii Paartii biyya bulchaa jiruurratti humna waraanaa biyyattii daraan cimsuuf waadaa galuun kan yaadatamuudha.
Kana hordofee Piiyoongiyaang bara kana yeroo jalqabaaf qarqara galaanaa Baha Biyyattiitti Misaa’eel Baalaastikaa milkiin furgugisuu ibsiteerti.
Manni Maree Nageenya Biyyaalessaa Kooriyaa Kibbaa dhimmicha ilaalchisee walga’ii gaggeesseen, Misaa’eelli Kooriyaan Kaabaa qarqara galaanaatti furgugsite Kooriyaa Kibbaaf sodaa nageenyaa ta’uu ibseera.
Kaariyaan Kaabaa akaakuu Misaa’eelaa kamiiyyuu furgugsuu mirga qabaachuu Muummeen Ministiraa Jaappaan Fuumiiyuu Kiishiidaan ibsaniiru.
Dhimmichaan walqabatee sodaan nageenyaa qaban kan hin jirre ta’uu eeraniiru.
Maddi:-CGTN
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.