Fana: At a Speed of Life!

Kooriyaan Kaabaa naannoo Qilleensaa Jaappaanirratti Misaa’eela Baalaastikaa furgugsite

Finfinnee, Fulbaana 24, 2015 (FBC) – Kooriyaan Kaabaa naannoo Qilleensaa Jaappaanirratti Misaa’eela Baalaastikaa furgugsuu ibsame.

Misaa’eelichi Kiiloo Meetira kuma 4 fi 500 ol imaluun naannawaa Garba Paasiifikitti kufuu ibsameera.

Miidhaan qaqqabsiise tokkooyyuu hin jiru jedhame.

Biyyattiin Qalbii Tookiyoo fi Waashiingitan hawwachuuf yaalii kana taasiisuu ishee himameera.

Yaaliin kun bara Faranjootaa 2017 as taatee naannoo Qilleensaa Jaappaanirratti raawwate jalqabaa ta’uu eerameera.

Kana hordofee Jaappaan lammiileen Misaa’eelichaaf saaxilamoo ta’uu danda’an jettee yaaddee of eeggannoo akka taasiisan hubachiifteerti.

Muummeen Ministiraa Jaappaan Fuumiiyyoo Kiishiidaan gochichi gochaa walitti bu’iinsa kaasuuf ta’e jedhamee raawwate jechuun balaaleffataniiru.

Jaappaan, Ameerikaa fi Kooriyaan Kibbaa Humna Galaanaa dabalatee shaakala waraanaa waloo taasiisaa kan jiran yoo ta’uu, yaaliin Misaa’eelaa Kooriyaa Kaabaa yeroo ammaa kun duub deebii isaa ta’uu danda’a jechuun BBCn gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.