Fana: At a Speed of Life!

Kooriyaan Kaabaa Oliimpikii Tookiyoorratti kan hin hirmaanne ta’uu beeksiifte

Finfinnee, Bitootessa 28, 2013 (FBC) – Kooriyaan Kaabaa sababa Covid -19f Oliimpikii Tookiyoorratti kan hin hirmaanne ta’uu beeksiiftee jirti.
Piiyoongiyaang dhibee Covid -19n walqabatee nageenya atleetoota ishee eeguuf jecha Oliimpikii Jaappaan Tookiyoorratti kan hin hirmaanne ta’uu beeksiifteerti.
Kooriyaan Kaabaa Oliimpikii bara 2018 irratti Atleetoota 22 gara Kooriyaa Kibbaatti erguun ishee kan yaadatamuudha.
Bulchiinsi Kiim Joong Uun weerarri vaayrasii koroonaa biyyattii keessa kan hin galle ta’uu irra deddeebiin ibsaa tureera.
Ogeeyyiin fayyaa gama isaaniin weerarri vaayrasii koroonaa biyyattiitti hin muul’anne dhimma jedhu mormaa jiru.
Maddi:-BBC fi Al jazeera
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.