Fana: At a Speed of Life!

Kooriyaan kaabaa yaalii Misaa’eela Farra Xiyyaaraa haaraa taasiifte

Finfinnee, Fulbaana 21, 2014 (FBC) – Kooriyaan kaabaa guyyaa kaleessaa yaalii Misaa’eela Farra Xiyyaaraa haaraa taasiisuu ibsameera.
Yaaliin kun baatii tokko keessatti yaalii meeshaa waraanaa 4ffaa ta’uun kan galmaa’eera jedhame.
Biyyattiin yaalii misaa’eela Hypersoonik jedhamu taasistee guyyoota muraasaan booda kan farra xiyyaaraa kan taasiisuu himameera.
Yaaliiwwan meeshaa waraanaa biyyattiin taasistu tasggabbii dhabuu fi wal dhabdee kan babal’isu ta’uu Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Biliinkeen ibsaniiru.
Pyoongyaang gama isheetiin, meeshaan waraanaa kun humna ittisaaf kan oolan Ameerikaa fi Kooriyaan Kibbaa ejjennoo madaalawaa hin taane qabachuu isaanii ibsiteetti.
Maddi:- BBC
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.