Fana: At a Speed of Life!

Kooriyaan kibbaa fi Chaayinaan Kooriyaa kaabaatti sagantaa niwukilaararratti mari’achuuf waliigalan

Finfinnee, Sadaasa 18, 2013 (FBC) – Kooriyaan kibbaa fi Chaayinaan Kooriyaa kaabaatti sagantaa niwukilaararratti mari’achuuf sadarkaa aanga’oota olaanoon  waliigaluusaanii beeksisan.

Kun kan dhaga’amees preezdaantiin Kooriyaa kibbaa Moon Jey In aanga’ootaa Chaayinaa olaanoo waliin erga mari’ataniiti jedhameera.

Marii isaaniitin preezdaantiin Chaayinaa Shii Jiinpiing gara Sii’oolitti imaluun daawwannaa taasisaniif haala isaanii mijeessuuf ta’uu dhaga’ameera.

Preezdaant Moon, Chaayinaan naannichaatti nageenyaa waarawaa busuuf tattaffii taasiftuuf galateeffataniiru.

Aanga’oonni Chaayinaa gara Jaappaan imalanii akka turaniis beekameera.

Biyyoonni Isiiyaa Joo Baayidaan filatamuu isaanii ilaalchisee hariiroo haara jiraachuu danda’uun wal qabsiisee qophii taasisaa jiraachuun isaanii ragaan ni muul’dhisa.

Maddi:-Aljaziiraa

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.