Fana: At a Speed of Life!

Kooriyaan Kibbaa Ityoophiyaaf ruuzii toonii kuma 16 gumaachite

Finfinnee, Caamsaa 18, 2012 (FBC) –Kooriyaan Kibbaa Ityoophiyaaf ruuzii toonii kuma 16 gumaachite.

Kooriyaan Kibbaa Ityoophiyaa dabalatee biyyoota baha giddugaleessa fi Afrikaa afuriif deeggarsaan ruuzii toonii kuma 50 gumaachuu Ministeerri Qonnaa biyyattii beksiseera.

Biyyattiin gama dhaabbata nyaataa addunyaan ruuzii toonii kuma 19 Yamaniif, toonii kuma 16 Ityoophiyaaf, toonii kuma 10 Keeniyaaf, toonii kuma 5 ammoo Yuugandaaf gumaachiteetti.

Kooriyaan Kibbaa bara Faranjootaa 2018 fi 2019tti biyyootaf deeggarsa oomisha ruuzii toonii kuma 100 kan taasifte yoo ta’u, deeggarsi ammaa kun yeroo sadaffaaf kan gumaachitedha.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.