Fana: At a Speed of Life!

Koorporeeshinichi waliigaltee invastimantii Birrii miiliyoona 500 mallatteesse

Finfinnee, Sadaasa 14, 2015(FBC)-Koorporeeshiniin Misooma Paarkiiwan Indaastirii Ityoophiyaa dhaabbata biyyaa keessaa Paaroon Tireediingi jedhamu waliin waliigaltee invastimantii Birrii miiliyona 500 mallatteesseera.

Paaroon Tireediingii Paarkii Indaastirii Baahirdaaritti indaastiri maanufaakchaariingiin oomisharratti bobba’uuf waliigaltecha mallatteesseera.

Waliigaltecha Hoji Gaggeessaa Koorporeeshinii Misoomaa Paarkiiwwan Indaastirii Ityoophiyaa Obbo Akiliiluu Taaddasaa fi Hoji Gaggeessaa Paaroon Tireediingi Obbo Abbabaa Asree mallatteessaniiru.

Dhaabbatichi qindeessaa qonnaarraatti kan bobba’e, dhaabbata biyya keessaa yoo ta’u, paarkichatti hojiilee invastimantii Birrii miiliyoona 500’rratti akka bobba’u ibsameera.

Bu’uuraa waliigaltechaatiin, dhaabbatichi lafaa misoome hektaaraa 2 kan fudhate yoo ta’u lammiilee kuma 1 oliif carraa hojii kan uumu ta’u TOI gabaaseera.

Koorporeeshiniin Misooma Paarkiiwwan Indaastirii sadarkaa biyyaalessaatti paarkiiwwan indaastirii 13 ijaarsise keessatti abbootii qabeenyaa biyya keessaa fi alaa galchuun lammiileef carraa hojii uumuun cinaatti faayidaalee diinagdee hedduu argamsiisaa jiraachuun eerameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.