Fana: At a Speed of Life!

Koreen dhaabbichaa du’aatii haadholii hir’isuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabu hubachiise

Finfinnee, Eebla 26, 2015 (FBC) – Ministeerri Fayyaa du’aatii haadholii hir’isuuf xiyyeeffannoon hojjechuu akka qabu Koreen Dhaabbii Dhimmoota Fayyaa, Misooma Hawaasummaa, Aadaa fi Ispoortii hubahciise.

Ministeerri Fayyaa raawwii hojii baatiwwan salgan darbanii Koree Dhaabbii Dhimmoota Fayyaa, Misooma Hawaasummaa, Aadaa fi Ispoortii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf dhiyeesseera.

Du’aatii haadholii sababa hanqina ogeeyyii, Qorichaa fi Dhiigaan mudataa jiru hir’iruuf hojjetamuu akka qabu walitti qabduun koree dhaabbichaa Warqisamuu Maammoon ibsaniiru.

Ministeerri Fayyaa fi dhaabbileen waamamtootaa sadarkaan jiran xiyyeeffannoon hojjechuu akka qaban eeraniiru.

Ministeerichi hojiin dhaabbilee deeggartootaa waliin qindoominaan hojjetu jajjabeessaa waan ta’eef cimsee itti fufuu akka qabu ibsameera.

Du’aatii haadholii hir’isuuf naannolee waliin xiyyeefannoon hojjetamaa jiraachuu Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan ibsaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.