Fana: At a Speed of Life!

Koreen Dhaabbii Dhimma Misooma Magaalaa Caffee Oromiyaa raawwii walakkaa waggaa manneen hojii sagalii gamaaggame

Finfinnee, Amajjii 18, 2013 (FBC) – Koreen Dhaabbii Dhimma Misooma Magaalaa Caffee Oromiyaa raawwii walakkaa waggaa manneen hojii sagalii gamaaggamuu Waajjiirri Caffee Oromiyaa beeksise.

Koreen kun, raawwii hojii Biiroo Misooma Magaalaa fi Manneenii, Biiroo Bulchiinsaa fi Itti Fayyadama Lafaa, Biiroo Intarpiraayiziifi Misooma Industirii, Komiishinii Invastimantii, Inistiityuutii Pilaanii, Ejensii Dhimma Hawaasa Misoomaaf Kaafamanii, Waldaa Aksiyoona Daldala Faayinaansii Meeshaalee Kaappitaalaa, Dhaabbata Bulchiinsa Gamoowwanii fi Waldaa Aksiyoona Liqii fi Qusannaa Oromiyaa gamaaggamee jira.

Manneen hojii hunda biratti hojiin boqonnaa qophii keessatti haala qophii karooraa fi raawwataa qopheessuu irraa eegalee hojiwwan waliigalaan hojjeatamaa turan koreen kun akka ciminaatti gamaaggamuu ibseera.

Haata’u malee, dhimmoonni xiyyeeffannaa addaan irratti hojjetamuu qabu jedhamanii adda bahan, gama Biiroo Misooma Magaalaafi Manneeniitiin leenjii dandeetii raawwwachisummaa hooggansaafi ogeessaa cimsuuf rifoormii magaalaafi tarsiimoo raawwiin gadi bu’uu, rakkoowwan bulchiinsa gaarii misoomaa guddinaa biyyaa irratti miidhaa geesisan karaa guutuun hiikuu dhabuu,raawwiin ijaarsa proojektoota buleeyyii gadii aanaa ta’u akka hanqinaatti ilaalameera.

Biiroo Daldala Oromiyaan walqabatees, dhiyeessin meeshalee bu’uuraa kanneen akka sukkaaraa, zaayitaa fi daakuu gadi aanaa ta’uu, qorannoon gabaa fi leenjiin humna raawwachisummaa sadarkaan jiru walfakaataa ta’uu dhabuu fi gurmaa’insa manneen mareen raawwiin jiru gadii aanaa ta’uu koreen kun madaalee jira.

Bulchiinsa Lafaan walqabatees, kaartaa misoomaa sululaa xixiqqaa agarsiisu qopheesuu fi hawaasaan mirkaneesisuu irratti raawwiin jiru gadi aanaa ta’uu, dabarsa lafa magaalaa, lafa caalibaasiin dabarsuunii fi ramaddiidhan hojiwwan hojjetaman gad aanaa ta’uu, kadastera Magaalaa qiyyaasa, mirkaneessa qabiyyee fi galmeessa qabiyyee hojii xiyyeeffannoo barbaadu ta’uu korichi eereera.

Invastimantiin walqabatee, gorsaa fi deeggarssa ogummaa abbootii qabeenyaaf kennuunii fi hojii deeggarsa projektootaa akka waliigalatti raawwiin isaa karooraa gadii ta’u, akka hanqinaatti dhimmoota ilaalaman keessaa isaan ijoodha.

Walumaagalatti, hojiiwwan walakkaa waggaa qorachuun hojiilee harca’anii hafan karoora kurmaana 3ffaa keessatti xiyyeeffannoo olaanaan hojjetamuu akka qabanii fi manneen hojii akkaataa amala hojii isaaniitiin qindoominaan waliin hojjechuu akka qaban Dura Taa’aan Korichaa obbo Lachiisaa Hayyuu ibsuusaanii ragaan Waajjira Caffee Oromiyaarraa arganne ni muul’isa..
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;

Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.

Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa

Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.!

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.