Fana: At a Speed of Life!

Koreen gorsituu Mana Marechaa ajandaawwan lama raggaasise

Finfinnee, Amajjii 17, 2014 (FBC) – Koreen gorsituu Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa ajandaawwan lama raggaasise.

Ajandaaleen raggaasifaman wixinee labsii inshuraansii fayyaa hawaasaa fi wixinee labsii bajata dabalataa bara 2014 ta’uu Ittaantuun Afyaa’ii Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa aadde Loomii Badhoon ibsaniiru.

Aadde Loomiin wixinee labsii Inshuraansii fayyaa hawaasaarratti ibsa kennuu fi wixineen labsichaa kutaan hawaasa tajaajila fayyaa argachuu hin dandeenye uwwisa yaala fayyaa haqa fi qulqullina qabeessa akka argatuuf kan kaayyeffate ta’uu ibsaniiru.

Barbaachisummaa baajata dabalataa bara 2014 irrattis ibsa laataniiru.

Wixineen labsichaa proojektoota addaan citanii fi jalqabbiirra jiran itti fufsiisuu fi baasiiwwan sababa Vaayrasii Koroonaa fi waraanaa ba’an uwwisuuf kan oolu ta’uu ibsuun, mana maree ministeerotaan ilaalamee Birrii biiliyoonni 122 dhiyaachuu  eeraniiru.

Miseensonni koree gorsituu mana marichaa gamasaaniin, ajandaaleen kunneen barbaachisaa fi rakkoo uummataa furuuf ga’een isaanii olaanaa ta’uu ibsaniiru.

Ajandaaleen kunneen yaa’ii mana marichaa itti aanutti dhiyaachuun kan irratti mari’atamu ta’uu aadde Loomiin ibsuu ragaan Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.