Fana: At a Speed of Life!

Koreen Hojii Raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa miseensota haaraa 2 dabalate

Finfinnee, Caamsaa 28, 2015 (FBC)-Koreen Hojii Raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa miseensota haaraa lama koreechatti dabaleera.

Sababoota adda addaatiin bakka miseensota hojii raawwachiiftuu paartichaa hir’atanii hoggantoonni haaraan Koree Giddugaleessaa Paartii Badhaadhinaatiin akka filaman ibsameera.

Bu’uuruma kanaan Obbo Abduu Huseen fi Obbo Yirgaa Sisaay miseensummaan korichaatti makamuu ragaan paarticharraa argame ni mul’isa.

Hoggantoonni kunneen muuxannoo siyaasaa waggoota dheeraa kan qaban yoo ta’u, paartichi imala badhaadhina biyyoolessaa fi hunda hammate akka tumsan ta’uu eerameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.