Fana: At a Speed of Life!

Koreen Ittisa Vaayrasii Koroonaaf Deeggarsa Walitti Qabduu deeggarsa Birrii miiliyoona 47 ol walitti qabe

Finfinnee, Bitootessa 22, 2012 (FBC) – Koreen Ittisa Vaayrasii Koroonaaf Deeggarsa Walitti Qabduu deeggarsa Birrii miiliyoona 47 ol walitti qabe.
 
Vaayrasichi Ityoophiyaatti mudachuun booda mootummaan waamicha deeggarsaa dhiyeessen, namoonni dhuunfaa fi dhaabbileen tumsa taasisan itti fufaniiru.
 
Guyyaa har’aa dhaabbileen dhuunfaa fi mootummaa 12 ta’an, Baankiin Intarnaashinaalii Oromiyaa(Birrii miiliyoona 5), Baankiin Daashan(Birrii miiliyoona 10), Meedrook Giruup(Birrii miiliyoona 10.845), Koorporeeshiniin Manneen Federaalaa( Birrii miiliyoona 10), Abbaay Baank( Birrii miiliyoona 3), Dabuub Gloobaal(Birrii miiliyoona 2), Awaash Inshuuraans( Birrii miiliyoona 3) fi dhaabbileen biroon waliigalaan Birrii miiliyoona 47 ol laataniiru.
 
Walitti qabaan korichaa Ambaasaaddar Misgaanuu Araggaan deeggarsi meeshaa fi maallaqaa cimee itti fufuu ibsaniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.