Fana: At a Speed of Life!

Koreen ministeerootaa haala tattamsa’ina weerara vaayrasii koroonaa, dhiibbaa hawaasummaa, diinagdee fi siyaasaa qaqqabsiise jirurratti bal’inaan mari’ate

 

Finfinnee, Caamsaa 18, 2012 (FBC) –– Sekreetaariyaatii Qindeessittuun Koree ministeeroota fi Ministirri Nageenyaa FDRI aadde Mufaarihaat Kaamil weerara vaayrasii koroonaa ittisuu fi to’achuuf walga’ii idilee korichi gaggeesse ilaalchisuun ibsa laataniiru.

 

Koreen ministeerootaa haala tattamsa’ina weerara vaayrasii koroonaa, dhiibbaa hawaasummaa, diinagdee fi siyaasaa qaqqabsiise jirurratti bal’inaan mari’achuu ibsaniiru.

 

Tattamsa’inni vaayrasii koroonaa biyyattiin dandeettiin qorachuu akkatuma dabalaa adeemeen lakkofsi namootni vaayresichi irraatti mul’atee dabalaa adeemuu ibsa jedhan.

 

Haalli kun ammoo of eeggannoo barbaachisu taasisuu akka qabnu nutti agarsiisa jedhaniiru.

 

Korichi tattamsa’inni vaayrasichaa magaalaa Finfinneetti ol ka’uun walqabatee haala guutummaa biyyatti irratti xiyyeeffannan mari’ateera.

 

Magaalaa Finfinneetti kutaalee magaalaa Araadaa, Addis Katamaa fi Ladatatti tattamsa’inni vaayarsichaa kan itti ol ka’e ta’uun adda ba’eera jedhan.

 

Tattamsa’inni vaayrasichaa kutaalee biyyattii guutuutti yaadessaa dhufuun korichi irratti mari’ateera.

 

Mootummaan naannoowwan adda baasuun tarkaanfii barbaachisu akka fudhatu himaniiru.

 

Qulqullina ofii eeguurra eegalee haguggi afaanii godhachuun akkasumas fageenya eegachuun weerarricha ittisuun dirqama jedhaniiru.

 



Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.