Fana: At a Speed of Life!

Koreen waloo raayyaa ittisa biyyaa Ityoo Sudaan marii waliinii gaggeesseera

Finfinnee, Sadaasa 25, 2013 (FBC) –Koreen waloo raayyaa ittisa biyyaa Ityoo Sudaan marii waliinii gaggeesseera.
Korichi haala nageenyaa naannoo daangaa ilaalchisuun marii gaggeesseera.
Ityoophiyaatti Itti Aanaan Ajajaa Shaalaqaa 3ffaa Shaalaqaa Solomoon Afarraa maricharratti haasaa taasisaniin, haariiroon Ityoo Sudaan baroota dheeraa kan lakkoofsisee fi waliigalteen biyyoota lameenii faayidaa olaanaa akka qabu eeraniiru.
Sudaanitti Ajajaa Olaanaan Shaalaqaa 9ffaa Koloneel Mahaammad Adam Ityoophiyaa fi Sudaan odeeffannoo wal jijjiiruun akkasumas daddabarsa meeshaa seeraa alaa fi kontiroobaandii to’achuu irratti waliin hojjechaa akka turaniifi fuula durattisa waliin akka hojjetan ibsaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.