Fana: At a Speed of Life!

Korichi komiin tajaajila kenniinsa elektirikaarratti ka’u furamuu akka qabu yaadachiise

Finfinnee, Sadaasa 24, 2013 (FBC) – Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti koreen dhaabbii dhimmota qabeenya uumamaa, Jallisii fi Iinarjii komiin ummanni tajaajila kenniinsa Elektirikaarratti kaasu saffisaan furamuu akka qabu hubachiiseera.
Korichi Tajaajila Elektirikaa Ityoophiyaatti tajaajilaa kenniinsaa fi walga’iinsa giddugalawwaan riijinii Lixa, Bahaa fi Kaabaa Finfinnee daawwateera.
Korichi daawwannaa gaggeesseen giddugalawwan tokko tokkotti tajaajilli kaffaltii kaardii rakkoo qabaachuu hubateera jedhame.
Wayita tajaajilli humna elektirikaa balaawwan uumamaa fi namtolcheen adda cite ariitiin tajaajilicha eegalchiisuuf adeemsi jiru daraan laafaa ta’uu korichi ibseera.
Hojjettoonni dhaabbatichaa tajaajila adda cite eegalchiisuuf jiraattota maallaqa kan gaafatan ta’uu ragaa qabatamaan bira ga’uu koreen kun himeera.
Tajaajila kaffaltii teeknooloojiin deeggarame laachuuf yaaddamus teeknooloojicha maamiltoota waliin wal barsiisuuf hojiin hubannoo uumuu hojjetame hanqina qabaachuu ibsameera.
Hojii raawwachiisaa Olaanaan Tajaajila Elektirikaa Ityoophiyaa obbo Shifarraaw Taliilaa gama isaaniin, ciminaa fi hanqina korichi daawwannaa taasiiseen adda baase akka galteetti fayyadamuun dhaabbaticha teeknooloojii ammayyaan gurmeessuuf tattaaffii hunda galeessa taasiisaa jiraachuu himaniiru.
Tajaajila dhaabbatichaa fooyyessuuf tattaaffii taasiifameen maamiltoonni %40 siistama baankiin akka fayyadaman godhameera jedhan.
Tajaajila dhaabbatichaa ammayyeessuuf tattaaffiin taasiifamee fi rakkoo adda ciccituu humna elektirikaa furuuf hojiin hojjetame jajjabeessaa ta’uu walitti qabduun koree dhaabbii dhimmota qabeenya uumamaa, Jallisii fi Iinarjii aadde Fatihaa Yesuuf ibsaniiru.
Komiin ummanni rakkoo dubbisa lakkooftuu fi utubaawwan wayita miidhaman ariitiin suphuu dhabuun walqabatanii kaasan dhimmoota saffisaan furamuu qaban ta’uu hubachiisaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.