Fana: At a Speed of Life!

Kurmaana xumurame meeshaaleeen kontiroobaandii Birrii miiliyoona dhibba 7 fi miiliyoona 20 olitti tilmaamamu too’atame

Finfinnee, Onkololeessa 4, 2013 (FBC) – Baatii sadan darbanitti meeshaaleeen kontiroobaandii Birrii miiliyoona dhibba 7 fi miiliyoona 20 olitti tilmaamamu too’atamuu Ministeerri Galiiwwanii beeksise.
 
Kurmaan jalqabaa bara 2013 meeshaaleen kontiroobaandii ba’uu fi galu Birrii miiliyoona dhibba 7 fi miiliyoona 20 fi kuma dhibba 8 fi kuma 65 olitti tilmaamamuu fi maallaqa biyyoota garaagaraa too’achuu Ministeerri galiiwwanii beeksiseera.
Kanneen keessaa meeshaaleen birrii miiliyoona dhibba 5 fi miiliyoona 68 fi kuma dhibba 7 fi kuma 54 olitti tilmaamamu seera Guumrukaa osoo hin hordofiin gara biyya keessaa galuuf wayita sochu’u kan too’atame ta’uu ibsameera.
 
Meeshaaleen Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 52 fi kuma dhibba 1 fi kuma 11 olitti tilmaamamu ammoo seeraan ala alatti ba’uuf yaalirra osoo jiruu qabamuu eerrameera.
 
Meeshaalee kanneen keessaa baalli sammuu adoochuu, Albuudaaleenii fi daddabarsi maallaqa seeraan alaa sadarkaa duraarratti argamu jedhame.
Namoonni 270 daddabarsa meeshaalee fi maallaqa seeraan alaa kanaan shakkaman too’annoo jala ooluu isaanii ragaan Ministeericharraa argame ni agarsiisa,.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.