Fana: At a Speed of Life!

Kutaa magaalaa Lammii Kuraatti shakkamtoonni Shaneef loojastiksii dhiyeessaa turan to’ataman

Finfinnee, Caamsaa 10, 2014 (FBC) – Magaalaa Finfinnee Kutaa magaalaa Lammii Kuraa aanaa 9 iddoo addaa Gooroo jedhamutti shakkamtoonni Shaneef loojastiksii dhiyeessaa turan 8 harkaaf harkatti to’atamuu Poolisiin beeksiseera.
Shakkamtoonni kunneen uffata seeraa Raayyaa ittisaa, Dabtaroota Herreega Baankiwwan garaagaraa, ATM fi sanadoota adda addaa waliin to’atamuu ibsameera.
Namoonni kunneen waliigaltee kireessaa fi kireeffataa malee 8 ta’anii mana tokko keessa jiraachaa turuu ragaan Waajjira Kaantibaa magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.